Oromo

Eri-Ethio COVID-19 Solidarity Fund gargaaraa!

Ertiriyaanotaa fi Itiyoophiyaanota dhunfaan akkasuma maatiin Naannawa Torontoo Guddicha(GTA) keessa jiraataniifi sababa COVID-19 rakkoo diinagdee fi Hawaasummaa mudataniif kallattiin gargaarsa hiruuf gara $10,000 walitti sassaabaa jirra.


Horiin gargaarsa arifachiisaa Eeri-Itoo karoora murna jaartoota hawaasa Ertiraa fii Itoo[hiyaa tiin qophaawe, kan maatiilee fii namoota hawaassan lameen Naannawa Magaalaa Guddittii Torontoo jiraatan warra sababaa Koovid-19-n rakkoon horii irra gayeef hirama.


Horiin Maalif?

  • Akkuma beekkamutti sirni biyyanaa kan nu gargaaruuf qophaawe waan hin tahiniif, fedhii teenya tan dhihoo fiixa baafachuu-rratti tin'isa walii qabaachuun barbaachisaa dha jennee amanna. Kuni arjoomaa miti. Hojmaata jijjiirama hawaasummaa ti. CFRB fii CESB miseensota hawaasaa kanneen hireen itti jallatte, haala lafa jalaa tiin ykn callaan hojjatan, warra barnootaaf dhufan, artistootaa fii kanneen lammummaa biyyaa hin qabne qunnamuu hin dandeenye.

  • Gumaanni kuni namootaa fii maatiilee Ertiraa fii Itoohiyaa warra dhibeen haalaan miidhe jiddutti walitti dhiheenya ni uuma.


Galiin Teenya

  • Maatiilee fii namoota Eertiraa fii Itoophiyaa kanneen Naannawa Magaalaa Guddittii Torontoo jiraatan, warra gargaarsa hundee hatattamaa barbaadaniif, maallaqa arkamsiisuu dha.


Dhimma itti Bahaa fii Ulaagaa Arkata Horii

  • Horichi sababaa dhibichaa-rraa kan ka'e warra rakkoo fedhii hundee guuttachuu hin dandeenyeef hirama. Fedhiin hatattaamaa kuni kiraa, qoricha, nyaataa-dhugaatii, tajaajila qaamaa fii sammuu tii fii kkf. Iyyataan waa'ee isaa/isii-rraa waan hunda ibsuu irraa hin eegamu. Ammoo, ulaagaa madaala dhimmoota lamarratti irkatteen gargaarsa arkata.

  • Maatii ykn nama Eertiraa fii/ykn Iitoophiyaa jiraataa Naannoo Magaalaa Guddittii Torontoo, kan ulaagaa gargaarsa mootumma hin guunne ykn mootummaan gargaaramaa, ammoo, jireenya dhibdeen alaa tiif horii tin'isa hatattamaa barbaadu.


Horii Qooduu

  • Horii gulantaa lamatti haajamaa CERB/CESB-tti haqaaramee marsaan kennamu, kan murtii xiinxala koree qorattuu tiin fidhii matayyaa-rratti irkatuu jira.


Adeemsa Iyyataa

  • Korboon iyyataa afaanota hedduun daandii SurveyMonkey-n ykn telefoonaan jraatu.

  • Iyyanni dooyaa sab-qunnamtiilee, barruu dhaadheysaa fii caasaalee hawaasaa tiin qoodamu.


Itti Gaafatamaa fii Gabaasa

  • Maqaaleen fudhattootaa fii Iyyattootaa iccitiin eegama. Xumura karoorichaa-rratti odeeysi matayyaa hundi ni dhabamsiifama.

  • Qu'annaa odeeyfannoo kuufannee, jaarmayoota hawaasota Eertiraa fii Itoophiyaa tajaajilan kanneen dhimmi laallatu waliin ni qooddanna.

  • Waa'ee horii-rratti haala ifaa tahe qabaanna. Maayyiirratti cunfaa gabaasaa dhiheeysina.


© 2020 ERI-ETHIO COVID-19 SOLIDARITY FUND | All rights reserved. Some material has been re-purposed from the #ShareMyCheque campaign. Visit ShareMyCheque.org to learn more. Thank you to all our volunteer translators from across the world!
Powered by Webnode
Create your website for free! This website was made with Webnode. Create your own for free today! Get started